Ibsa Mana Marii Nageenyaa Naannoo Hararii irraa kenname.

bsa Mana Marii Nageenyaa Naannoo Hararii irraa kenname.

Manni Marii Nageenyaa Naannoo Hararii dhimmoota haala yeroo naannoo ilaalchisee ibsa baase.

Guutummaan ibsichaa akka armaan gadiitti dhihaateera.

Nagaan qabeenya guddaa harka hunda keenyaa jiru akka ta’e beeknee sirnaan kunuunsinee itti haa fayyadamnuu.

Kabajamtoonni jiraattoota baadiyyaa fi magaalaa naannoo keenyaa, abboottii amantaa, maanguddoonni, Abboottii Gadaa, hojjetoota mootummaa, hayyoota, qonnaan bultoota, Hawaasa daldalaa, kabajamoo dargaggoota keenya, Qaamoolee rogeeyyii hawaasaa biyya keessaa fi alaa jiraattan, dhaabbilee haqaa fi nageenyaa, akkuma beekkamutti mootummaa jijjiiramaa gama tokkoon gaafilee bilisummaa fi walqixxummaa amantaa adeemaa dhufe deebisuuf haaroomsa adda addaa gochaa kan jiru yoo ta’u, gama biraatiin immoo nagaa fi imala badhaadhina ummataa mirkaneessuuf kutannoodhaan hojjechaa jira.

keessattuu naannoo keenyatti, gaafiilee ummataaf deebii sirrii ta’e kennuuf, mootummaan ummata waliin walitti dhiyeenyaan hojjachaa akka jiru hunda keenyaaf haqa namuu beekuudha.

Kana malees, bu’aa jajjabeessaan gama dhaabbileen amantaa bilisaan akka of bulchaniif haalli mijataa uumamuun amantootaa fi ummanni kan ragaa baheedha.

Haa ta’u malee, namoonni dhuunfaa dhaabbilee amantii tokko tokko keessatti fedhii fi faayidaa dhuunfaa isaanii dhaabbilee amantii jalatti dhokachuun gareen qoodamuun garaagarummaa isaanii gara ummatatti naquun walitti bu’iinsa uumuuf hojjechaa jiru.

Mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuu bira darbee hojimaata dhaabbilee amantaa keessa kan hin seennee fi qaamooleen kunneen yoo danda’ame mariidhaan, yoo hin danda’amne immoo karaa seeraatiin rakkoo isaanii akka furuuf carraaqqii guddaa godhuus qaamooleen kunneen faayidaa dhunfaa isaaniif jacha rakkoo jidduu isaanii jiru furachuu hin dandeenye.

Kana malees sagantaalee amantii adda addaa irratti dargaggoota qulqulluu itti yaadanii qindeessuun lallabaa keessatti jibbaa fi walitti bu’iinsa ummataa kakaasuuf yaalaa jiru.

Haa ta’u malee ummanni naannoo keenyaa nagaa fi duudhaa waldanda’uu qaba waan taheef rakkoon yoo jiraatellee karaa nagaa fi seeraan hiikuuf kutannoo waan qabuuf fedhii fi shirri badaan qaamoolee kanaa milkaa’uu hin dandeenye.

Kanaaf qaamooleen kunneen rakkoo isaanii karaa nagaa fi seera qabeessa ta’een furuuf obsaan carraaqqii godhaniis gareen kunneen gocha badii isaanii irraa of qusachuu hin dandeenye.

Garaagarummaan gareewwan kanneen gidduu jiru seeraan qofa furmaata argachuu akka qabuu fi mootummaan seera kabachiisuuf kan dirqamuu fi yeroo kamiyyuu caalaa qophii tahuu ummanni keenya hundi akka beeku hubachiisuu barbaanna.

Kanaaf hawaasni keenya nagaa fi nageenya ummataa eeguuf itti gaafatamummaa fudhachuun maatii irraa eegaluun waa’ee nageenyaa irratti akka irratti mari’atu cimsinee hubachiifa.

Dhumarratti, humni hiriira waamuu ykn karaa kamiinuu nagaa booreessuuf yaalu yoo jiraate, ummanni akka balaaleeffatu, akkasumaas nagaa fi nageenya ummata keenyaa eegsisuuf humni nageenyaa keenya qophii akka ta’e ibsaa kanaan alatti rakkoo kamuu mudatu Manni Marii Nageenyaa itti gaafatamummaa akka hin fudhanne hubachiifna.

Hundi keenya nagaaf waardiyyaa haa dhaabbannu!!

Mootummaa naannoo Hararii

Mana Marii Nageenyaa

May be a graphic

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top