Harar,Fulbana 29/2017 (W.DH.K.N.H):- Pireezidaantiin Mana Marii Ol’aanaa Dhimmoota Islaamaa Harar Sheek Abdulsalaam Jibriil magaalaa Hararitti waldhabdeen Masjiida Imaam Ahmad Algaazii keessatti uumame karaa nagaatiin furmaata argachuu isaa beeksisan.
Manni Marii Ol’aanaa Dhimma Islaamaa Naannoo Harar naannaawa arattanyaatti waldhabdeen tibbana Masjiida Imaam Ahmad Algaazii, jedhamee beekkamu keessatti uumame karaa nagaatiin furamuu beeksise.
pireezdaantii mana marichaa Sheek Abdulsalaam Jibriil Ibsa kennaniin magaalaan Harar magaalaa nagaa fi wal danda’uu ta’uu isheetiin badhaasa fi beekamtii sadarkaa idil addunyaarraa kan argatte ta’uu eeruun, waldhabdeen kun mariidhaan furuun akka danda’ame ibsaniiru.
Falmiin kun namoota dhuunfaa fi muraasa gidduutti akka ta’e kan eeran yoo ta’u, namoonni dhuunfaa kun waldhabdee kana gara waldhabdee sabaatti guddisuuf yaaluu isaanii ibseera.
Odeeffannoon dogoggoraa fi bu’uura hin qabne namoota dhuunfaa tokko tokkoo fi keessattuu miidiyaa hawaasaa fayyadamuun tamsa’aa akka ture eeraniiru.
Haa ta’u malee, Harar bakka namoonni amantaa, aadaa fi afaan adda addaa qaban jaarraa hedduuf karaa nagaa fi waldandahiinsaan waliin keessa jiraatanii fi ammas waliin keessa jiraachaa jiraniidha jedhan.
Hariiroon hawaasummaa cimaan ummata ishee gidduu jiru kun gara sadarkaa walitti bu’iinsaatti osoo hin hammaatin karaa nagatiin hiikameera jedhan.
Hoggansi mana marichaa erga waldhabdeen kun uumamee kaasee rakkoo kana furuuf mootummaa naannichaa fi dhaabbilee nageenyaa waliin walitti dhiyeenyaan akkasumas karaa ummata hirmaachiseen hojjechaa akka turan ibsaniiru.
Haala kanaan guyyaa har’aa bakka hawaasni naannichaa, hooggantoonni Mana Marii Ol’aanaa Dhimma Islaamaa Federaalaa dabalatee argamanitti,namoota dhunfaa waldhabdee kana kaasan hoggansa Musjiidichaa irraa kaafamuu isaanii beeksisaniiru.
Bakka isaanii hoggantoota haaraa fi walaba ta’anii fi Masjiida kana bulchuuf koreen miseensoota 15 of keessaa qabu muudamuu beeksisaniiru.
Pireezidaantichi ibsa kennaniin, ummatoonni Hararii fi Oromoo jaarraa hedduuf obbolummaan waliin jiraachaa kan turan yoo ta’u, obbolummaan seena qabeessaa ummata kanaa kan addaan hin baane ta’uu hubachiisaniiru.
Kanaaf walitti bu’iinsi sabummaa gidduutti uumamu barsiisa Islaamaatiin kan jibbamee fi kan balaaleeffatamu waan ta’eef ummanni muslimaa balaaleeffachuu akka qabu hubachiisaniiru.
Mootummaa waliin ta’uun namoota kana seeraan akka gaafataman gochuuf kan hojjatamu ta’uus ibseera.
Duudhaa gaarii nageenya hawaasni jaarraa hedduuf waliin jiraachuuf bu’uura kaa’e Abbootiin amantaa barsiisuu akka qabanii fi hawaasni nageenya eeguuf itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
Manni Marii Ol’aanaa Dhimma Islaamaa naannichaa dhaabbata ummata muslimaa qixa tajaajiluuf hundaa’e ta’uu eeruun, seer-altummaa ittisuuf mootummaa waliin ta’uun akka hojjetu mirkaneessaniiru.
Koreen haaraa muudame kun hojii eegaluuf boru sirni hojii walqeebalchiisuu akka geggeeffamu ibsaniiru.

All reactions:
36Harari Region Peace and Security Bureau, Shemshadin Abas Ibrosh and 34 others