Manni marchaa boordii damee investimentii olaantummaan hoogganu raggaasise.

Manni marchaa boordii damee investimentii olaantummaan hoogganu raggaasise.
Harar, Hagayya 22, 2016 (W.DH.K.M.N.H) Manni marii naannoo Hararii boordii damee investimentii olaantummaan hoogganu raggaasise.
Manni marii bulchiinsaa naannoo Hararii dambii boordii investimentii hundeessuuf qophaaye irratti ballinaan erga mari’atee booda dambicha raggaasisuun hojiirra akka oolu murtii dabarseera.
Danbichi kan ragga’e naannichatti danbiin sirna itti gaafatama damee investimentii kan ittin mirkanaa’u, kaayyoo komishinii investimentii milkeessuuf kan dandeessisuufi baardichi sina hojmaataa iftoomina qabuun ittiin hogganamu baasuun barbaachisaa tahee waan argameef ta’uun ibsameera.
Danbichi humna kuufamaa biyyatti keessa jiru hoogganuun galmoota investimentii biyyooleessaa kan milkeessuu fi galumsa seeraatiin raawwatamuu isaanii mirkaneessuuf kan dandeessisuudha.
Manni marichaa danbicha irratti ballinaan erga mari’atee booda miseensota boordii danbicha irratti dhiyaatan moggaaseera.
Manni marichaa danbicha irratti ballinaan erga mari’atee booda yaada irratti kannuun Hagayya 22/2016 irraa jalqabee hojiirra akka oolu sagalee guutuun raggaasisuun marii isaa xumureera.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top