Naannoo Hararitti hojiin tola ooltummaa gannaa maallaqa birrii miiliyoona 114 olitti shallagamu hojjetameera – Obbo Geetuu Woyyeessaa

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Hararii obbo Geetuu Woyyeessaa akka jedhanitti ji’oota sadan darbanitti naannoo Harariitti hojiin tola ooltummaa birrii miiliyoona 114 olitti shallagamu hojjatamuun hawaasa galii gadi aanaa qaban fayyadamoo taasisuu ibsaniiru.

Hojii tola ooltummaa gannaatiin ji’oota sadan darbanitti hojjetamaa ture ilaalchisee ibsa kannaniin hojiin tola ooltummaa yeroodhaa gara yerootti guddachaa akka jiru ibsaniiru.

Hojiin hojjetamaa jiru keessattuu hawaasaa galii gadi aanaa qaban fayyadamoo taasisaa jira jedhan.

kanaaf, ji’oota sadan darban keessatti tajaajila tola ooltummaa gannaatiin maallaqa, birrii miiliyoona 114 olitti shallagamu, kutaalee hawaasaa galii gadi aanaa qaban fayyadamoo taasisu hojjetamuu ibsaniiru.

Kana malees, hojiin tajaajila tola ooltummaa gannaa hojjataman kutaalee hawaasaa adda addaa hirmaachisuun rogoota adda addaa 14’n hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuusaa eeraniiru.

Keessattuu aanaalee magaalaa fi baadiyaa naannichaa keessatti manneen hedduu haaromsuun rakkoolee bu’uuraa hawaasa harka qalleeyyii tahan furuun danda’ameera jedhan.

Sagantaa manneen haaromsuu fi ijaaruu keessatti dhaabbileen mootummaa adda addaa, invastaroota, dhaabbiilee amantaa fi kutaalee hawaasaa adda addaa hirmaachisuun manneen 129 haaromfamuu fi ijaaruuf karoorfamee keessaa hanga ammaatti manneen 74 xumuramuun fayyadamtootaaf dabarfamuu ibsaniiru.

Manneen hafanis xumuranii fayyadamtootaaf dabarsuudhaaf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan

Kana malees, barattoonni maatii harka qalleeyyii ta’an kuma 6 oliif meeshaalee barnootaatiin deeggaruun barattoonni sababa hanqina diinagdeetiin barnoota akka hin dhiisne gochuu akka danda’ame eeraniiru.

Dabalataaniis tajaajila tola ooltummaatiin nageenya naannoo eeguu, qulqullina, sagantaa ashaaraa magariisaa, dhiiga arjoomuu, barnoota barsiisuu fi dameewwan biroo irratti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuusaa ibsaniiru.

Hojii hojjetame keessattis qindoominaa fi kutannoon hoggansaa kan keessatti mul’atee fi hojiiwwan sirnaan hojjachuu fi hogganaman sababni milkaa’uu hin dandeenyeef akka hin jirre ibsuun kuni immoo ergama itti aanuuf hojii muuxannoof tahuu danda’u hojjatamuu ibsaniiru.

Fuulduraafiis Tumsa fi aadaa wal deggeruu cimsuun, kan hin qabne deggeraa, imala badhaadhina biyya keenyaa mirkaneessuu qabna jedhaniiru.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top