Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Naannoo Haramaayaa Obbo Geetuu Wayyeessaa, tokkummaa ilaalchaa fi gochaa cimsuun imala badhaadhinaa naannichaa itti fufsiisuuf hirmaannaan ni taasifama jedhaniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa bara bajataa 2016 xumurame kana keessatti yaadota jijjiiramaa gonfachuu fi hojiirra oolchuun, duudhaalee obbolummaa fi wal deeggarsa ummataa dagaagsuun, nagaa lafa qabsiisuu fi hojii misoomaaf ummata qindeessuun gama hundaan milkaa’inoota dinqisiisaa galmeessuu isaanii ibsaniiru.
Paartichi gama hojii tokkummaa yaada, gurmaa’insaa fi raawwii ergamaatiin haala gaarii irratti akka kan eeran, gaggeessitoonni xiyyeeffannoo itti kennuun qindoominaa fi dammaqinaan hirmaachuu ummataa fi hojiiwwan deeggarsaa fi hordoffii bu’aa gaarii galmaa’eef gahee olaanaa kan taphate ta’uu ibsaniiru.
Bara bajataa 2017 eegalame keessatti miseensotaa fi ummata hirmaachisuun hojiiwwan jajjabeessoo eegalaman cimsuu fi itti fufsiisuuf hirmaannaan kan hojjetamu tahuu hubachiisaniiru.
Milkaa’ina hojiiwwan misoomaa naannicha keessatti galmaa’an cinaatti, miseensonni,seelonni waltajjii wal-deeggarsa gaggeessuun hojmaata badaa kenniinsa tajaajilaa irratti mullatan furuun bu’aa tarkaanfataa galmeessuuf tattaaffii eegalame cimsuun itti fufa jedhaniiru.
Gara fuula duraattiis hannaa fi malaammaltummaa ittisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Paartii cimaa uumuu, dimokiraasii keessoo paartii fi iftoomina hojmaataa lafa qabsiisuun, akkasumas sirna hordoffii fi to’annoo haala barbaadamuun mijeessuun tattaaffii taasifamuun bu’aan galmaa’e cimsee itti fufuu akka qabus cimsanii dubbataniiru.
Bara baajataa 2017tti caasaa paartichaa cimsuu fi yaadiddamoota haala barbaachisaa ta’een cimsuun badhaadhina waliigalaa roga hedduu fi hunda galeessa ta’e naannichatti mirkaneessuuf hojiiwwan ni hojjatamu jedhaniiru.